Maqaa: Makonnin Gizaw Daggafaa Roobii Buttaa Shonnii Ilaalaa Kussuu Jaarraa.

Maqaa Haadhaa: Zawdituu Raggaasaa Jimaa Heeyyii Hirkoo Goobanaa Shamatee

Iddoo Dhalootaa: Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Ona Sulultaa

Sadarkaa Barnootaa: Kutaa 1-4 Mana Barnootaa Bachoo Kidana Mihirat Kutaa 5-8 Mana Barnootaa Darbaa Kutaa 9-12 Mana Barnootaa Caancoo Abbaa Gadaa Barnoota Ol Aanaa Yuunivarsiitii Riifti Vaaliitti Gosa ogummaa Barnoota Accounting and Finance B.An bara 2021 eebbifameera.

                 Dudduubee Jireenyaa(Story)

Ani kanan dhaladhee guddadhe baadiyyaa Ganda Bachoo K/mihirat jedhamtutti yoo ta'u akkuma ilma baadiyyaa tokkotti loon tikseera, hojii qonnaas warra koo gargaarera.

Abbaan koo Obbo Gizaw Daggafaa Roobii ijoollummaa kootti maatii isaa ilmaan 4[Isheetuu, Yeshii, Makonnin fi Asteer] haadha teenya Zawdituu Raggaasaa Jimaatti dhiisee gara duula hidhannoo Dargiitti seene. sababni inni hidhannoo kana seenefis dargaggoota ganda kee jiraatan adamsii qabii fidi jennaan ani hangan ilma iyyeessaa qabee ibiddatti kennu, iddoo isaanii anumatu dhaqee gubata kan jedhu murtee keessa deebii hin qabne fudhatee godaane ergasii achi buuten isaa waan dhabameef haati keenya Aadde Zawdituun Abbaas haadhas taatee nu guddisuuf dirqamte.

Nuti afranuu guddannee ilmaan horanneerra, garuu jaalala Abbaa malee waan guddanneef hedduu garaa nu nyaata, suura malee abbaan koo nama akkamii akka ta'e wantin beeku hin jiru. Namoonni isa beekan garuu ijoollee abbaa garraamii nuun jedhu, nuti immoo osoo gaafuma tokko nuuf argamee itti marsinee teenyee ija isaa keessa ilaalaa jaalala abbaa dhamdhamaa bu'aaceehii isaa hunda irraa dhageenyee hedduu nutti tola ture .

Itti fufa...!