Rakkoon siyaasa Qabsoo Oromoo maaliidha?
Sadarkaan guddinni qabsoo Oromoo irra gahee jiru, yeroo gandaan, gareen, amantaa fi sammuu alagaan yaadan irra ce’ee jira. Ilmaan Oromoo bahaa-dhiha, kaabaa-kibba dhimmi isaan walitti hidhee jiru oromummaa fi oromiyaa dha. Waanta hunda dursuu kan qabu, dhaabbileen maqaa oromoon ijaaraman, fayidaa nama dhuunfaa fi garee keessaa bilisa ta’anii waanta akka sagantaatti baafatanii jiran gara hojiitti jijjiruun dirqama yeroo ti. Maqaa qabsoo oromoon dhaabbilee ijaaramanii jiran yoo ilaalle, bifa barruun sagantaan isaan waraqaa irraa qaban, Oromoo abbaa biyyaa gochuu fi bilisummaa sabaa dhugoomsuuf akka ta’e, barruu irraa ni dubbifama. Hoogganootii fi miseensi dhaabbilee siyaasa garuu, waanta akka sagantaa siyaasaa irratti maxxanfatanii fi baafatan hojiitti hiikamaa akk hin jirre tolchanii beeku. Waanti akka sagantaatti wixinatanii jiranii fi waanti hojiin muldhisaa jiran faallaa sagantaa isaanii ti.